Fulluq...
Arrabsoo Hibboo
Situ basse, natu dhuga.
Bassaan koo calala, dubbiin koo marara.
Kan koo qadaada qabeetti, kan kee fagaara sareetti.
Adaamiitti naanna’i, ijaajjiitti raamma’i.
Muka gugguufaa jala ba’i dhudhuufaa bara ba’i.
Gama kiyya diddi facaase, gama kee gagabsaa facaasee gama koo urgooftuu facaase gama kee citto facaase.
Ani kana caalaa danda’ee sin arrabsu,…., isa hafe atumti itti guuttadhu.