Haajamee

Barruulee

Galfata Duuba Koo

Galfata Duuba Koo Bosona keessatti daandiin koo bakka lamatti na jalaa hiramnaan, isa baay’ee irra hin adeemamne filadhe. Kunis garaagarummaa guddaa fide. Robert Frost Hubachiisa: Barruun kun waggoota muraasa dura marsariitii ‘Hin Mukaahinaa’ jedhamu irratti kan maxxanfamee turee dha. Yeroo ammaa marsariitiin sun dalagaa irra waan hin jirreef, barruuleen achi irra turan, jijjiramoota muraasa waliin gara kanatti godaansifamaa jiru. Akka yaada kootti, waanta fuuldura koo jiru nan arga, yoon argeef. Dhuguma yoon argeef, na arga. Maarree hamaas ta’u gaarii, durseen irraa maqa, yookaan itti dhaqa. Durri koo dukkana hin qabu kaa-yoo qabaates dafee ittii hiiqeen gara ifaatti baqadha. Gaafan arguu dhabu malee, utuun arguu gaafan jaamu, utuun dhaga’uu anatu beekaadhaan gaafan mataa jabaadhu malee. Gaafa sana badiin, inni, ‘fuula dugda’ ta’e, ‘ifa dukkana’ee’ dha. Isaaf immoo falli ardiirras, samiirras hin argamu. Duubi koo inni dukkanaan guutuu garuu na sodaachisa, na naasisa. Natti hin mul’atu, dhufeema narra bu’a. Yookaan deemeen itti dirma, akka kiyyoo dhokataa. Jalaa miliquun isaas ta’e, irraa baraaramuun isaa dukkana. Yommuu duraa, utuu ani quba hin qubaatin dhufa, kun akka dhiyaa ti. Jalaa ba’uuf tattaffiin godhus tarkaanfii taatu taate (trial and error) ti malee itti yaadee, xiinxalee waanan godhu miti-halkani kaa! Kanumaafan duuba koof namni na hin komatin jedha. Waanan hin argineef, badii narratti hin lakkaa’amin. Dukkana iji kiyyaa keessa dabarsee hin argineef, ‘naaf danda’aa’ qofan jedha. Ani hin argu taanaan, isa arguun ‘maaloo qaroo naaf ta’i’ jedhaan. Duuba koo Dukkana 1ffaa Jijjiiramootni fi haalotni ani quba hin qabne, kan barootni ofuma isaaniitii qabatanii adeeman, utuun itti hin yaadin, qophii tokko illee utuun hin godhin natti dhufanii utuman fiiguu yommuu duubatti na gotatanii, kun duuba kooti-halkan limixii. Naasuun isaa sodaattuu fi shakkituu na godha. Jalaa ba’uuf tattaaffiin godhus immoo irra deddee’ee waan na kuffisuuf, baay’inni mucuca isaa jireenya na jibbisiisa. Yeroo kam irra caalaa utuun yaaluu fi tattaafaadhuu, akkuma yeroo kaanii yoon kufee, obsan dhaba, mogoleen dhagaa dha jedhee amanadhus laafee bishaan ta’a. Dhiya mitiiree kun, yeroo itti qaratti adeemanii dhaa? Dukkana 2ffaa Yaada koo duuba, dogoggoree, dadhabbii uumamaan gaafan nama miidhu-namootnis aariin yommuu natti banbanan, fuula isaanii irraa dheekkamsaa fi nyaara guuruu yeroon dubbisuu, yookaan akkuma koo se’ee gaaf tokko ijaa natti ba’uu laata jedhee yeroon yaaduu, kun duuba kooti-dhiya suukanessaa. ‘Maaloo sitti baleessee naaf dhiisi’ jechuu irra dheekkamsa dheekkamsaan deebisuutu dhufaa laata? Anoo hin beeku. Dukkana kaa! Borii narraa fagoo dha, ija kootti hin mul’atu. Namootni kun bor ijaa naratti ba’u jedheenii-sodaa boriin hidhameen har’a koo saamama-yoon arge malee. Ifa malee immoo ija qofaan hin argan. Hin golollisnee ree amma? Dukkana 3ffaa Namootni muraasni hiriyummaa fakkeessanii garuu immoo sagantaa nama miidhuu qabatanii, diinummaa horachuun isaaniif homaa kan hin taane gaafa natti dhufanii, kun duuba kooti-galgala nama naasisu. Dhufaatiin isaanii hamaa hin qabu, hiriyaan kami iyyuu dursee keessummaa waan tureef. Na miidhuun isaaniis homaa miti-barumsa naaf ta’a-amala koo qara. Diinummaa garuu garaan koo naaf hin fudhatu-inni dukkana badiisaa ti. Biyya lafa kana gubbaa dhaa, isa hamaa sana malee diina namaa tokko illee qabaachuu hin barbaadu. Hiriyaamatu diina ta’aa laata? Diinummaa waanan jibbuufan hiriyummaa sodaadha. Kun dukkana mitii ree? Dukkana 4ffaa Namatti waa mufadhee, onneen koo ho’ee akka hurki gannaa bokkaa roobsuuf ol aaru, achi ol gara qomaatti dhufee utuu natti dhagahamuu yommuu arrabsoo, ijaa baafannaa roobsuuf hurkuu, kun duuba kooti-dukkana quba hin keessifne. Yommuu kana nama laman ta’a. Ani inni tokko obsi jedhee na dheekkama. Inni kaan immoo kun obsa miti-diilallaa’ummaa dha malee naan jedhee, cabbii dheekkamsaa fi arrabsoo na roobsisa. Erga darbee immoo roobi inni obsa, gara-laafinaa fi danda’uu haree fuudhee badee, bor deebi’ee dhufaa jedheen sodaadhe. Yoo dhufes maaltu hafeef maal fudhatas? Kun Halkan miti jettanii isin? Dukkana 5ffaa Lafa kana gubbaatti argamuu kootiif addunyaan kun yookaan uumaan koo waanan barbaadu kamiin iyyuu naaf gochuuf dirqamatu irra jira jedhee yaadee bullukkoo eeggattummaan gaafan bara lakkaa’uu, kun duuba kooti-halkan walakkaa. Bullukkoon koo umurii dheerinaan dulloomee buudda’ee, bososee, ciccitee gaafa qorra seensisu, dhaamocha isaafis yeroo hirribi na qabuu didu nan dallana-waaqatti-namatti-lafatti. Kanaan eenyuutu guyyaa dha jedhaa? Dukkana 6ffaa Sossobbii ifaan oofamee, natti fakkatee yookaan oduu namaan, eebbatu jira jennaan ofii koo irraa, qe’ee koo irraa godaanee, booda waanti hundumtuu akkan yaade, akka jedhame ta’uu yoo dide kun duuba kooti-dukkana fokkisaa. Guyyaas fiigee, halkanis fiigee, yeroo namaattis hojjedhee, yeroo bineensaattis hojjedhee dadhabbiin koo fi waanti ani argadhu tasuma yeroo wal madaaluu diduu bariitu sichi yoon jedhe maaltu na himataa? Galfata yoon jedhe malee. Galfata dura koo-utuun arguu yoon hin argine, utuun dhagahuu yoon gurra qabadhe, natu beekaan yoon boquu jabaadhe.  Galfata yoon jedhe malee. Galfata duuba koo. Isa ani hin argine, isa ani hin beekne. Isan yaada xiqqaa kanaan xiinxalee bira hin geenye. Duuba koo galfatan sitti kennadha yaa Uumaa koo!!. Kabajaa fi galata guddaa waliin!

Galfata Duuba Koo Read More »

Warraaqsa Xiqqaa

Warraaqsa Xiqqaa

Warraaqsa Xiqqaa Galaanni bakka bulu hin beekne dhakaa gangalchee deema. Mammaaksa Keenya Bitadhaa! Haajamee jajjabeessaa! Hubachiisa: Barruun kun waggoota muraasa dura marsariitii ‘Hin Mukaahinaa’ jedhamu irratti kan maxxanfamee turee dha. Yeroo ammaa marsariitiin sun dalagaa irra waan hin jirreef, barruuleen achi irra turan gara kanatti godaansifamaa jiru. Barruu har’aa kana gaaffiilee muraasa si gaafachuudhaan eegala.  Moobaayila kee irra appilikeeshinoota meeqatu jira? Meeqaan isaaniitti dhimma baata? Waanta (meeshaa kamiin iyyuu) yeroo ta’e bitatte yookaan nama irraa argatte garuu immoo kan itti hin fayyadamne, bakka inni jiru illee barbaacha meeqan kan argitu mana kee keessa jiraa? Waanuma jiru natti fakkaata-deebii isaa sumaafan dhiisa.  Beekumsa fi dandeettii addaa kan dhimma itti hin baane, kan kee ta’uu isaa iyyuu kan hin yaadanne hoo, qabdaa? Qabda jedheeman yaada. Barroolee, softiweerii, appilikeeshinii moobaayilaa kan toora interneetii irraa gadi buufatte, erga gaafa kumpiyuutara yookaan moobaayila kee irraa bakka kuusaa qabatee attam bulte illee kan ittiin hin jenne hoo? Waan dhabdu miti. Siifan hubadha, anis akkuma keeti. Kun galaana jaarraa kanaa ti, walumaan daakaa jiraanna. Galaana ofiis hin guunne, isa daakus akkuma ofiitti bocu sana keessa jirra martuu. Yoo akka koo taateef, waantotni armaan olii heddummatanii dalagaa irraa akka si danqan, filannoo akka sitti baay’isan, ofii keetiifis, waantota qabdu tokkoof illee kabaja akka hin qabaanne akka si taasisan shakkin hin jiru. Waantotni kun heddummachuunii fi qindoomina dhabuun isaanii mana kee, kompiyuutera kee, moobaayila kee, akkasumas sammuu kee magaalaa jeeqamte akka taasisan ofiima kiyyaa irraa ka’ee naaf hubatama. “Kanas, sanas! Sunis maa hafa. Inni gamanaa kan kiyyaa, isa gamasiis eenyuufan dhiisaa”n dhaadannoo miilanaa ti.  Kun amaluma jarjaraa fi jawwaaraa nama bara si’anaa ti. Gaafuma dhalannee, guddannee, waldaa’iinsa hawaasaa keessatti hirmaachuu eegalle bikkituu harkaa fi sammuu irra nuuf kaa’an. Kanaaf ofii keenyaa nama biraa faana, waan qabnus kan namni kaan qabu faana madaalaa jiraanna. Kanumaaf dhiibbaa hawwiin oofamaa, haafa meeqa, moofaa meeqa  gaafa walitti corru, nama waan caalle nutti fakkaata. Dhugaan isaa garuu adda. Beekumsis ta’e, meeshaalee namni kan dhuunfaa isaa godhatu qindoomina hin qaban taanaan, yoo hamma malee baay’atanis ba’aa jedhamu. Ba’aa eelchaa, nama dadhabsiisu; nama butuchu. Filannoo namatti baay’isuun hamilee fi kalaqaa namaa ajjeesu. Qabiyyeen meeshalee yookaan waantotaa baay’annaan bakka qabachuu isaanii garasitti iyyuu namni ofirraa bu’ee akka garaa isaatti akka hin dalagne danqaa ta’u. Akkasumas waanti namni barate, barachuu fedhus baay’annaan filannoo namaa heddummatee innumti qofti yeroo silaa oomishaaf ta’u qabata. Nama danqa, murtoo nama dhabsiisa, shakkituu nama taasisa. Isa harkatti qabanii jiran haalaan utuu hin dhandamin isa kaan duukaa guxuxxa’uun, namni waanta kamiif illee kabaja akka hin qabaanne taasisa. Kana biratti immoo barichi bara fiigichaa ti. Qophee ta’anii fiiganii bakka yaadan ga’uuf ba’aawwan eelchaa sana ofirraa fuudhanii lafa kaa’uun dirqama dha. Waanti kam iyyuu waan baay’ateef guddatee guddaa nama hin godhu, ba’aa ta’ee deemsa nama dhorka malee. Kanumaaf natti fakkaata; ‘Yaraatu baay’ee dha’ kan jedhaniif warri adiin.  Dandeettiiwwan dhalli namaa horachuu danda’u warra gurguddoo keessaa inni tokko dandeettii waa filachuu ti. Qabeenyas, meeshaas, beekumsas, isa kanan fedha, hamma kanaan immoo barbaada jechuun hin danda’amu taanaan garaan namaa jooraa ta’a. Boqonnaa wajjin wal hin barin hafa. Kanaaf seer-hundee waanta murtaa’aa barbaaduu, isa barbaadan immoo nuffii malee, utuu gargar hin kutin hordofuu, isa argatan immoo kabaja ta’uuf kennaniifii qindoominaan dhimma itti ba’uu namni martinuu of keessatti guddisuu qaba. Hojii manaa Meeshaalee manaa, uffata, sooftiweerota kumpiyuutara kee irraa, akaakuu kitaabotaa, barumsa barachuu barbaaddu fi kanneen kana fakkaatan akkamittiin murtaa’oo fi qindaa’oo akka ta’an gochuu dandeessa? Hafuurri ati baafatu anas dabalatee namoota hedduu fayyaduu danda’a. Kanaaf waa jedhi mee! Yaadadhu! “Yaraatu baay’ee dha”, kun dhaadannoo keenya. Bitadhaa! Haajamee jajjabeessaa! Kabajaa fi galata guddaa waliin!

Warraaqsa Xiqqaa Read More »