Haajamee

Walaloo

Iyya Garaa

Iyya Garaa Michuu koo tokkotu, akkumti isaa raajii; Dhiyoo afaan dammaa, lapheen hamajaajii. Ani mataa isaan dhadhaa dibaa, garaasaan isaa immoo dhagaa didaa, Buqqisee ilaaluufis, heeyyaman qabamoo ree? Akkamittan dursee argaa? garaasaa isa burree. Muka akka reeffaa, duruu hin qabu miira; Naaf nahee nan naasisu, cabbiima isaatu jira. Na arguuf hawwuu mitii, boonuun isaa iyyuu ooda; Nagaamallee naan jechuuf, yaadachiistuu meeqa booda. Kana mara obsee tareen, nan jaalladhe irra caalaa, Dadhabbii isaa dhiisee taree, jabina isaa qofa ilaalaa; Isa dhaabnaan iddoo namaa, golee suuqa keessaa baasee; Gaarummaa koof dhukkuba, mataa bowwuu na badhaase. Amma kan koo adda, naaf kennname miijanamee; Gabaa miillanaa kanaa, natu itti miidhame. Kunoo jibba iddoo jaalalaa, kabaja koof tuffii quufee, Amanamee amanachuuf gaaffiin qabuuf mufii dhufe. Qulqullina garaa koo, waanta bareef dafee, Yoo na gane michuun, iyya malee maaltu hafe? Kanaaf, utuu hundi ilaaluu, daandii irra dhaabadhee, Imimmaan lolaasee, yoon ofii qoorfadhe, Yoon gadoodee boo’e hiree koo abaaraa, Komadhus Rabbiinuu gaaffii maalii jiraa?

Iyya Garaa Read More »

Kan Keetii?

Kan Keetii? Mil’uun ija keetii kan nama addaa faana, waan ati hin dhageenyutu gurra si waraana; Utuu sammuu baattuu abbaa aangoo guddaa, dalagaa hin barsiifnee namatu siif yaada. Miilli kee kottaa’aa, atis irra hin jirtuu, faana dhahuu malee daandii haaraa hin cirtu; Harki kee bututee hojiif hin hiixatuu, ajaja eeguu malee, homaa lafaa hin fuutu. Garaan kee hadoodaa, dhiiseera sokossuu, waanuma tokkoofuu, murtoo hin dabarsu; Ofii heera hin qabdu, ittiin kan adeemtuu, seer-hundee siif ta’a, shaakala namaatu. Qaamni Waaq siif kennee, mallattoomaaf jira, itti hin fayyadamtuu ba’aa siif ta’eera; Atumtuu madaalii dalagaasaa hundumaa, buusaan nafa keetii kan keetii dhugumaa?

Kan Keetii? Read More »

Umurii

Umurii Suuraan kan Pexels Pixabay irraa Isa hin qabneen hawwamaa, isa qabuun balfamaa, Kumaan baarbaadamtee, qubaan lakkaawamte; Gabaabbannaan si dheeressu, yarachuu kee martuu dheessu, Ol dheerannaan si cicciru, akkas jirta, yoo kun jiruu. Yookaan sin himanii yookaan hir’isanii; Tokkoo, sirra tara, gariin sirra tura; Afaan nama maraa, sitti soba bara. An bilchaadhe jedha, xinnaan afaan collee, daa’imatti of hima, guddaan akka ijoollee. Akkasumaa erga durii? sii mooji! yaa umurii; Nu sin miine lakkii, situ hin qabu milkii. Me anuu sin gaaffa, yaa ishee ka kootii, Kanan gatee dabre, addunyaa fagootti; Umurii koo, hiriyee koo, waliin tarree dhibee fi rakkoo, Ana faana kaatee, maaf na biraa hafte? Akka ati hin guddannee, baatee akka hin mul’anne, Sirra keenye ciqilee, biyyis, anis siin hille, Ye umuri! obboleettii guyyaa, maaluma siif wayyaa?

Umurii Read More »

Dukkana

Dukkana

Dukkana Suuraan kan Leonardo Espina Pixabay irraa “Wal’aalaan bitaachaa, bitaa fardaa ijaajja.” Mammaaksa Keenya Yaadni raagee, qalbiin tollaan,ifa keessa arguun jira,Baratanii, qalbifannaan,qaroo ta’u hunda biraa.Umrii kennaa rabbiin ogummaa ol kaa’uu,Isa tolche arguuf, miilli mataa hin ta’u. Kanaan alaa: Halluutu wal maka, tokkummaan hiriiree, gaarri hallayyoomee, boolli ta’a dirree; Warri duubaa dura jiru, irraa fi jallis wal jijjiiru; Dubbiin dharaa dhugaa tara, waan hin jirretu waa mara. Nafti dhagoomee, ofuu quba dhaba, hiree dur beeku, gochuu dadhaba; Waan gubaa tuqa sosochiin harkaa, ejjechuuf miilli bakka hundaa shakka. Adii fi keelloon adda hin ba’u, dachaa fi yabbis tokko ta’u, dhagaa fi gufuu arguu dhabuu, raammoo dheessaa bofa qabu. Share & Earn Kabajaa fi galata guddaa waliin!

Dukkana Read More »

Harka Nama Kaanii

Harka Nama Kaanii Suuraan kan fudhatame Pixabay irraa Dur durii, bara durii sanaa, geengoo sammuu kootii, naannessee naannessee, hamman yaadadhutti, abboommii dabarsuun, waanta na dhibuuree, raawwadhuu ajajuun, salphaama naaf ture; Gatiin baasu hin qabu, dubbachuuma qofaa, isa dadhabettan, ilkaan yaasee kolfa. Mudhukee isa kufee, quban itti qaba, jirmi namni baatus, ija kootiif huuba; Fafa barbaachaafan, jiruu namaa soofa, qooraa irra dhaabadheen, roobatti nama oofa. Har’a har’aa, yeroo ammaa kanaa, akka durii miti, lakkii inni miillanaa; Abjuun lafa hin beekne, gaafa qaamni dhaqe, yaadni qaama ganee, achi gaafa maqe, sodaan humna caalee, abdii gaafa dage, amman cabee argee, caba namaaf arge. Amma uffadheenii, kophee warra kaanii, hubachuuttin ka’e, dadhabbii isaanii. Akkan jedhe hin taane, jireenyi isaa addaa, dubbachuu fi raawwachuun, walii gargar edaa. Ergan ofii baree, hadhaasaa dhandhamaa, reefuu natti ife, hiiki waan hundumaa. Abbaa murtii ta’uun, salphaa dha; silumaa, harka nama kaaniin, abidduu in qabama.

Harka Nama Kaanii Read More »

Nama gaara irraa utaalu

Ani Bilisa

Ani Bilisa Suuraan kan Sasin TipchaiPixabay irraa Jiruu namni sodaaf guddatti herrege, humnasaa horadhee beekee yoon dalage; Jireenya yarannaan, naaf tuffatee namni, fedhasaa qabaadhee, yoon fudhadhee ani, ani bilisa. Isan wallaalu beekee, isan beeku yoon wallaale, sammuu kootiin yaadee, ija kootiin yoon ilaale; Barbaacha waanan fedhuu, yoon dhibeef hin taane, baqa waan hin feenee, yoon biyyaa hin baanee, ani bilisa.

Ani Bilisa Read More »