Habalaka
Sagal mo’atamee,
tokko injifata,
Dhibbatu barbaada,
kudhantu argata;
Dhagaan irra keessa,
warqeen keessa lafaa,
Gaariin hin argamuu,
gadheen irraa hafaa.
Dhooksaa fi seerri addunyaa,
icciitii uumamaa,
Tartiibni haalotaa,
sochiin waan hundumaa
Toorri isaa wal xaxaa,
baruun salphaa miti,
Lafti kun dhoksaa ishee,
eenyuutti himtee beekti?
Isa dhibbi fiigee,
tokkoof karaa ciru,
Isa tokko argatee,
kumaatamaaf hiru,
Isa inni yaale
homaa argachuu dhabe,
Isa inni dhiise’ immoo,
ba’aasaa dadhabe.
Isa yaada qabu,
karaa itti dheeressa,
Warra karaan tufii,
yaadatu isaan dheessa;
Abbaa umurii dhibbaaf,
hiikaan jiruu hin galtuu,
Kan waan guddaaf eegan,
umurii isaatu yartuu;
Warri dhugaa beeku,
harka gabaabbate,
Qabna immoo kan jedhan,
haqni irraa fagaate,
Namni safuu qabuu,
bulchuutti hin dhiyaannee,
Inni abbaa aangoo immoo
waaqa iyyuu hin sodaanne;
Addunyaan namaa kun,
duruu habalaka,
Fedhii wal hin gitne,
bakka wal hankaakaa;
Waanti hin barbaadamne
jira lafaa guutee,
Isa namni fedhu
dhabne achi buutee.