Harka Nama Kaanii
Dur durii, bara durii sanaa, geengoo sammuu kootii,
naannessee naannessee, hamman yaadadhutti,
abboommii dabarsuun, waanta na dhibuuree,
raawwadhuu ajajuun, salphaama naaf ture;
Gatiin baasu hin qabu, dubbachuuma qofaa,
isa dadhabettan, ilkaan yaasee kolfa.
Mudhukee isa kufee, quban itti qaba,
jirmi namni baatus, ija kootiif huuba;
Fafa barbaachaafan, jiruu namaa soofa,
qooraa irra dhaabadheen, roobatti nama oofa.
Har’a har’aa, yeroo ammaa kanaa,
akka durii miti, lakkii inni miillanaa;
Abjuun lafa hin beekne, gaafa qaamni dhaqe,
yaadni qaama ganee, achi gaafa maqe,
sodaan humna caalee, abdii gaafa dage,
amman cabee argee, caba namaaf arge.
Amma uffadheenii, kophee warra kaanii,
hubachuuttin ka’e, dadhabbii isaanii.
Akkan jedhe hin taane, jireenyi isaa addaa,
dubbachuu fi raawwachuun, walii gargar edaa.
Ergan ofii baree, hadhaasaa dhandhamaa,
reefuu natti ife, hiiki waan hundumaa.
Abbaa murtii ta’uun, salphaa dha; silumaa,
harka nama kaaniin, abidduu in qabama.