Kan Keetii?

Mil’uun ija keetii kan nama addaa faana,
waan ati hin dhageenyutu gurra si waraana;
Utuu sammuu baattuu abbaa aangoo guddaa,
dalagaa hin barsiifnee namatu siif yaada.
Miilli kee kottaa’aa, atis irra hin jirtuu,
faana dhahuu malee daandii haaraa hin cirtu;
Harki kee bututee hojiif hin hiixatuu,
ajaja eeguu malee, homaa lafaa hin fuutu.
Garaan kee hadoodaa, dhiiseera sokossuu,
waanuma tokkoofuu, murtoo hin dabarsu;
Ofii heera hin qabdu, ittiin kan adeemtuu,
seer-hundee siif ta’a, shaakala namaatu.
Qaamni Waaq siif kennee, mallattoomaaf jira,
itti hin fayyadamtuu ba’aa siif ta’eera;
Atumtuu madaalii dalagaasaa hundumaa,
buusaan nafa keetii kan keetii dhugumaa?