Hibboo Tapha hibboo kana irratti yoo injifatte (100 keessaa 50 ol yoo argatte) ni eebbifamta. Yoo qabxii gadaanaa aragtte garuu fulluqqeetu sirraa kaafama - dhiifama guddaa. Warri gama sana hanxaxiidhaan balbala cufatu. Karaan gibee naannoo naannoo. Fannisan fannoo hin qabduu teessisan teesso hin qabdu. Sabbata hayyoo maree mareen dadhabe. Afur taatee boolla tokkotti fincoofti. Hamma majii geessii biyya waliin geessi. Bixxilleen lamaan gaaratti hirkatte. Arraba hin qabu daaraa fi awwaara harraaba. Ana hoo ni waamanii, siin maaltu waamee? Abbaan bokkuu marmaratee rafe. Time's up